2 Chronicles 28:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jaaroleeni taani afraani worra boojiani suni ch'ufa, ka qulla yau, miha boojiani kaani keesa woya iti qoode, kobe iti nat'e, waan worri nyaate d'ugu kenniteefi, mada worrale d'ad'a ibsiiteefi. Worra yau indandeennele ch'ufa harre ira naqani, akasiini worra boojiani suni ch'ufa Yeriko, dira meet'i, ka lafa Yudati, galchani. Duuba worri Israeli kaani kae, Samariati deebie.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa namoonni arfan sunniin worra booji'aman sanniin fuudhanii isaan keessaa worra qullaa jiran uffata itti uwwisan, kophee miila isaaniititti godhan; waan nyaatanii fi waan dhugan hin kennaniif fuula isaaniillee hin ibsan; worra miilaan deemuu dadhaban harriin yaabbisanii gara qachaa Iyyaariko'oo ka munni meexxi'ii keessa jiru gara obboleewwan isaanii fidanii gara Samaariya'aa deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba worri maqaan isaanii dhowame sun worra booji'ame kana fuudhanee, worra qullaa hafe mara woyaa saamane san keessaa itti uffisane. Woyaa, kophee, sagale'ee fi waan unanulle kennaneefii, zayitiille madaa isaanii dibane; worra dadhabaa deemuu hin dandeenne ammoo harree irra keyanee, addee firri isaanii jiru gara qachaa Yeriko'oo ka, «Qachaa Meexxi'ii» jedhamuu geessane. Achiin duuba ifiif gara Samaariya'aa deebi'ane.