2 Chronicles 28:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni sorio Waaqa Damaskiti baase, ka ufiftu isa dabsate. Duuba waan jed'e, Waaqi Ashuru hayyoota Ashuru qarqaare, tanaafi yo anini sorio baasufi waaqi suni hegeri na qarqaara. Wonti kunini isaafi gosa isaa badi itiini d'ufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akaazi waaqolee tolfamaa biyya Sooriya'aa ka mooyicha isaa kennaniif ciincaa dhiyeesse; sababaan inni waan kana godheef «waaqoleen tolfamaan biyya Sooriya'aa mootota biyya Sooriya'aa gargaaraniiranii anillee ciincaa yoo isaanii dhiyeesse anallee na gargaaran» jedhee waan yaadeef; wonti inni godhe kun isaa fi biyya isaa Israa'eliin irratti badii fide.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni, «Waaqoti dharaa ka Sooriya'aa mootota Sooriya'aa waan qarqaaraneef, analle akka qarqaaranu ciincaa isaaniif dhikeessa» jedhee waaqota dharaa ka worra Damaasqo'oo worra isa injifataneef ciincaa dhikeesse; te'uu malee hujiin tun isaa fi kolbaa Israa'elii maraaf sababa jinnanaa teete.