2 Chronicles 28:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni miha Mana Waaqa ch'ufa guure ch'ach'abse, Mana Waaqa ch'ufe, Yerusalemu keesa moga ch'ufa waan sorio irati qalani mid'aafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Akaazi meeshaa mana Rabbii keessa jiru maraa fuudhee caccabse; balbala mana Rabbiillee hin cufe; Yerusaalemiin keessatti naannaya marattuu hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa hojjate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Itti dabalee Ahaaz meya Galma Mootii Waan Maraa keessaa wolitti qabee caccasse; balbala Galma Mootii Waan Maraa cufee, roga irga karaa Yerusaalem keessaa maratti addee ciinca'aa ta waaqota dharaa ijaare.