2 Chronicles 28:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
bale Hinomu keesati hit'aana aarse, ilma ufile gube, waaqa d'araati sorio baase, akasiini aada hamtu worri duri AABBO Waaqi worra Israeli duraa gusse tolfate gula bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma dhooqa ilma Heenoomii keessattillee hixaana aarse; akkuma worri ormaa waan hamaa hojjatanii Rabbi worra Israa'elii afo'oo ari'e ijoollee ufii ciincaa ciincayu godhee waaqolee tolfama'aaf dhiyeesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, dhooqa ilma Hiinomii keessatti hixaana aarse; ilmaan ifiille ciincaa dhikeesse.