2 Chronicles 28:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan hayyu Ahazini waan hamtu suni taheefi, AABBO Waaqi isa harka hayyu Shamuti isa kenne. Hayyuuni sunini isa dabsate nama Yuda heddu boojie dira Damaskiti galche. AABBO Waaqi hayyu Israeli, ka Peka ilma Remalia jed'ani, Ahazi dabsachiise, duuba inni guyya toko keesa askarti Yuda jajanna nama kuma d'ibbafi diddama fit'e. Wonti AABBO Waaqi nyaapa suni worra Yudati lakiseefi waan worri isa dide Baali gula baheefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Rabbi mooticha Akaaziin mooticha Sooriya'aatitti dabarsee isa kenninaan worri Sooriya'aa isa mooyatanii isa jalaa loltoota baay'ee booji'anii gara Damaasqo'oo dhufan; akkasuma mootii biyya Israa'eliititti dabarsee isa kenne; inni dhaya badaa isa dhaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi harka mootii Sooriya'aatitti dabarsee isa kenne; worri Sooriya'aa isa injifatanee kolbaa isaa bacaa booji'anee gara Damaasqo'oo geessane; inni harka mootii Israa'eliille'etti dabarfamee kennamee, innille akka malee lolee isa miidhe.