2 Chronicles 29:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaaloleeni Mana Waaqa seente qulqulleesite, waan qulqullo intahini ch'ufa keesaa baafte, gara naabo geesite. Duuba worri Lawi d'ufe dira keesaa baase bale Kidroni keesati jisse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri gadootaa mana woyyuu Rabbii keessa isaa qulqulleessu'uuf ol seenanii waan battii mana woyyuu Rabbii keessatti argan maraa gara hulee itti gad bayan ka mana woyyu'uu baasan; worri Leewwotaa waan battii sanniin achii fuudhanii laga Qeedirooniititti gatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyooti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessiisaaf gara keessaa seenane; waan battii Galma Mootii Waan Maraa san keessatti dhaggane mara gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa gad baasane; worri Lewwootaa achii fuudhanee dhooqa Qedrooniititti gatane.