2 Chronicles 29:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri Lawi fulla hayyu Hezekia d'ufe waan jed'eeni, Nu yayu Mana Waaqatifi waan sorio irati gubani baasanifi mesa qit'a qulqullootifi miha isaa ch'ufa qulqulleesine iraa deebine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Leewwotaa waan hujii mana woyyu'uu ka raawwatameef mooticha Hisqiyaasitti dhiyaatanii «Hulee ciinca'aa ka ciincaan irratti dhiyaatu gabatee xoroshoon woyyoome keessa taa'uu fi meeshaa maraa ka kanniiniin wol fakkaatu meeshaa mana woyyuu keessaallee qulqulleessineerra.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, «Nuuti, Galma Mootii Waan Maraa addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu meya isi'ii mara woliin, xarapheessaa daabboo Waaqaaf kennante irra keyanu meya isaa mara woliin qulqulleessineerra.