2 Chronicles 29:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri koromi looni torbaafi elemiye torbaafi ilmoole hoola torbaafi korbeeyyi torba d'ufeeni, maro daba worra hayyutifi worra Yudatifi, ammalle aka Mana Waaqa qulqulleesani sorio baasani. Jennaani hayyichi waan qaalole d'aloota Harunitini jed'e, Hori kana qala, mesa irati sorio baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan waan mootummaa isaatiif, waan mana woyyuu Rabbiitii fi waan banii biyya Yihuuda'aatiif mirgoolee torbaa, korbeeyyii hoola'aa torba, korbeeyyii hoolotaa didiqqoo torbaa, korbeeyyii re'iinii torba ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessan; ijoollee Aaroonii gadootaan «Hulee ciincaa Rabbii irratti ciincaa dhiyeessaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan marroo cubbuu mootumma'aatiif, marroo cubbuu Galma Mootii Waan Maraatiif, marroo cubbuu kolbaa Yihuda'aatiif, dardaroota torba, korbeeyyii hoole'ee torba, buruusota hoole'ee torbaa fi buruusota re'e'ee torba ciinca'aaf fidane; hayyooti sanyii Aaronii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa irratti kennansa kana ciincaa akka dhikeessanuuf mootichi isaan ajaje.