2 Chronicles 29:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Hezekiani waan biyyaani jed'e, Isani amma tana ya ufi qulqulleesitani, koota, gad'iaad'a, sorio baasa, galata AABBO Waaqaa deebisa. Worri dubbi suni ee jed'e, hori gubani sorio AABBO Waaqaa baasanini d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Hisqiyaas bani'iin «Isin amma Rabbiif woyyoomtaniirtanii kootta'aatii ciinca'aa fi ciincaa galataa gara mana Rabbii fidaa'a!» jedhe; baniinillee ciinca'aa fi ciincaa galataa waan onneen isaanii fedhe maraa ciincaa ciincawullee fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Hisqiyaas kolba'aan, «Kunoo, isin amma Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsitaneertan; as dhikaadha'aatii ciinca'aa fi kennansa galataa gara Galma Mootii Waan Maraa fida'a» jedhe; maarre gumiin ciinca'aa fi kennansa galataa fidde; worri fedha qabanu marti kennansa gubamu fidane.