2 Chronicles 29:34 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro qaaloleeni hori kana ch'ufa ufiti qaallu indandeennefi, worri Lawi haga huji hobaasaniti worra qarqaare. Yo worri huji suni hobaase, qaaloleeni d'ibileeni ya ufi qulqulleesite. (Worri Lawi gara qulqulluma gula qaalole ira jira.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu worri gadootaa ka gogaa horii qalamee baasan namoota hagoo waan ta'aniif worri Leewwotaa garaa guutu'uun waan uf woyyoomsa'aa turaniif haga raawwatamutti obboleewwan ufii worra gadootaa gargaara'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee horii kennansa gubamuuf qalame san gogaa irraa baasiisaaf, hayyooti achi jiranu waan diqqaataneef, Lewwooti obboleeyyan isaanii haga hujiin dhumattutti, hayyooti dhibiin haga ifi woyyoonsitutti isaan qarqaarane. Lewwooti ifi woyyoonsiisaaf hayyoota caalaa qalbii sirri'ii qaban.