2 Chronicles 29:35 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sorio gubani baasani male, qaaloleeni gabbinna hori fooni isaa nyaatani gubde, daad'i sorio gubani woliini baasani d'ibaayu baafte. Akanaani huji eeba ta Mana Waaqa ta duri lakisani amma deebiani tolfatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Coomni ciincaa ciincawuutii fi ciincaa fayyumma'aaf dhiyaatuu ciincaa ciincawu maraa woliin bisaan dhuganillee ka waan kenna'aatiif dhiyaatu baay'ee ture; kunniin maruu hujii mana woyyuu Rabbiitiif dhiyaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafas kennansa gubamu ka laakkossi isaa baca'aa san biratti, coomi kennansa tokkumma'aatiif dhikaate, kennansi daadhii woyni'ii ka kennansa gubamuuf dhikaate jiran. Akka kanaan tajaajilli Galma Mootii Waan Maraa akka duriititti deebi'e.