2 Chronicles 3:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Utuba suni balbala Mana Waaqa dura moga moga d'ad'aabani: ka bita aanuni Yakini jed'ani, ka mirga aanuni Boazi jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Utubaawwan kanniin bita'aa fi mirgaan dhaabee maqaa utuba'aa ka gara kaabaatiin jiru «Yaakiin » maqaa tuba'aa ka gara kibbaatiin jiru garuu «Boo'eez » jedhee itti baase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni utuboota san balbala Galma Waaqaa dura tokkocha gara middaatitti, kaan gara bita'aatitti dhaabe; ka gara middaa jiru, «Yaakiin», ka gara bita'aa jiru, «Bo'az» jedhee moggaase.