2 Chronicles 3:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dinqa ka Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo jed'ani, d'eerinni isaa d'und'uma diddama, ballinnileeni diddama, ballinni isaa haguma ballinna Mana gudda kaani. Worqiini girgida dinqa sunitini ch'okhani, ulfinni isii kilo kuma diddamati;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee woyyittii woyyootaa keessa isaa dheerinna ciqilee sagal, dalgillee ciqilee sagal; ijaarsi dhaga'aa ka woyyittii woyyootaa worqii kiiloo giraama kuma diddamaa gawu itti maxxanse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni Addee Irra Caalaa Woyyittiille ijaarsise. Dheerinni isi'ii akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama. Inni dhaaba isi'ii worqii qulluu kiiloogiraama kuma diddamaa fi dhibba afur geettu itti gonfe.