2 Chronicles 30:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini jila Pasaka, guyya isii ka jia qara, tolfachu dad'abde, wonti akanatiifi qaaloleeni hedduuni ufi inqulqulleesine, ammalle nami hedduuni Yerusalemuti wolti imbaane. Tanaafi hayyu Hezekiafi jaaroleefi gumiini Yerusalemu ch'ufti wold'aqani, aka jia lameeso tolfatani; duuba hayyichi qonqo suni nama Israelitiifi ka Yuda ch'ufati erge. Inni ammalle tatabe gara worra gosa Efraimutifi ka Manaseleti erge waan jed'eeni, koota, jila Pasaka Mana Waaqa ka Yerusalemuti tolfad'a, AABBO Waaqa Israeli guddisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Hisqiyaas Rabbii Waaqa Israa'eliitiif ayyaana faasika'aa mana woyyuu Yerusaalemiin jirutti akka ayyaanteffataniif gara biyya Israa'eliitii fi gara biyya Yihuuda'aa maraa namoota erge; akkasuma gara biyya Efreemiitii fi gara biyya Minaase'eellee xalayaa barreesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hisqiyaas kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase'eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanuuf waame.