2 Chronicles 30:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya kud'ani afreeso ka jia suni, ilmoole hoola ta jila Pasakati qalani, qaqalani. Qaaloleefi worri Lawi ka qara ufi inqulqulleesini, aka hama ch'eere, hojuma suni ufi qulqulleese sorio isaani ta gubani baasani Mana AABBO Waaqatini d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'a lammeesso'oo keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaana faasika'aatiif hoolaa qalan; hennaa san gadoonninii fi worri Leewwotaa ka uf hin qulqulleessine guddisanii saalfatan; sababaa kanaaf isaan Rabbiif uf kennan; achiin maayessa mana woyyuu keessatti ciincaa dhiyeessuu jalqaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane.