2 Chronicles 30:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba jecha hayyutifi ka jaarole gula, nama lafa Yudatifi ta Israeli keesa qonqo tanani ergani: Worra Israeli, isani ka lafa tana keesati harka worra Ashuru jalaa baatani, amma AABBO Waaqa Abrahamutifi ka Isaaqotifi ka Yakobooti deebia, innileeni isanumati deebia.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri ergamtootaa akka ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaatii fi ka bulchoota bani'ii ka akkana jedhu qabatanii gara Israa'eliitii fi gara worra Yihuuda'aa maraa deeman. «Ijoollee Israa'elii! isin worri boojuu mootii Asoorii jalaa baatan akka inni gara keessan deebi'u isin gara Rabbii Waaqa Abrahaamii, Yisaaqiitii fi Yaaqoobii deebi'aa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessa deemane. Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa'elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii deebi'a'a; innille gara keessan gara worra lubbu'uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi'a.