2 Chronicles 30:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka worraa mata injabatina, ammo AABBO Waaqaa saalfad'a. Mana AABBO Waaqa keesani, ka inni haga jiru jireenna eebise ka Yerusalemu keesa jiruti koota, isa kad'ad'a, aka inni deebie isaniti indalanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka abboota teessanii lum'a hin jabaatinaa'a; Rabbitti uf kennaa'a; gara mana woyyuu ka inni baraa haga bara baraa woyyoomse ka Yerusaalemiin keessa jiruu koottaa'a; lola ufii jabaa akka isin irraa deebisu Rabbii Waaqa keessan waaqeffadhaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama'a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina'a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa'a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila'a!