2 Chronicles 31:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi jilti sunini ch'ufti dabarte, worri Israeli ch'ufti dira Yuda ch'ufa d'aqe d'akhaaye old'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani ch'ire, fulla sorio iti qalanifi ta waaqa d'ara iti kad'atanile balleese. Akasuma lafa Yuda ch'ufafi ta Benjaminitifi ta Efraimutifi ta Manase keesati tolchani, kaani worra ufiti galani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga wonti kun maruu raawwatameen maayessa worri Israa'elii ka achitti argaman maruu gara qachoota biyya Yihuuda'aa dhufanii soodduu maraa caccabsanii sirima balleessan; fakii waaqa tolfamaa asheera'aa ka jalatti waaqeffatanillee hin muran; hulee itti sagadan ka biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Biiniyaamii maraa, akkasuma ka biyya Efreemiitii fi ka biyya Minaase'ee, hulee itti sagadan ka gaarran gubbaa jiru, hulee ciincaa irratti dhiyeessan maraa diiganii worri Israa'elii maruu gara lafaa fi gara qachoota ufii deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jilti Irra Dabaramaa hobbaateen duuba kolbaan Israa'elii marti gara qachaa Yihuda'aa mara dhaqanee utuboota dhaka'aa ka itti waaqonfatanu caccassanee, utuboota waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjissanee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ta worra ormaa, biyya Yihuda'aa, biyya Beniyaaminii, biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee mara keessaa balleessane. Isaan waan kana mara balleessaneen duuba gara qe'ee ifii deebi'ane.