2 Chronicles 31:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
qaallichi guddaani Azaria jed'ani, ka d'aloota Sadoki, waan jed'eeni, Hojuma biyyiti waan baafte kanani Mana Waaqa d'ufte, nu nyaanne quumne hambimne. Waan AABBO Waaqi nu eebiseefi wonti kunini ch'ufti nuraa hafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Azaariyaas gadichi guddaan gosa worra Saadooqii «Baniin kennaa ufii gara mana woyyuu Rabbii haga fiduu jalqabaniin maayessa nyaannee quufneerra, Rabbi waan banii eebbiseef midhaan gudda'atu irraa hafe, ka hafellee tuulaa guddaa kana» jedhee dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maatii Zaadoqii keessaa hayyichi sooressi, Azaariyaan, «Kolbaan kennansa ifii gara Galma Mootii Waan Maraa fidiisa haga jalqaddee nyaannee quunnee bacaan nu irraa hafeera; Mootiin Waan Maraa kolbaa waan eebbiseef, wonni bacaan kun hafuu dande'e» jedhe.