2 Chronicles 31:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hezekiani ammalle qaaloleefi worra Lawi huji worra ta qara bade deebise worra ch'ufa toko tokooni huji iti qoode. Hujiini suni tana: aka sorio gubanifi ta wold'ageeti Waaqaa baasani huji eeba ta Mana Waaqa tolchani, Mana suni keesati Waaqa faarsani, galata deebisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Hisqiyaas seera worra Leewwotaatii fi ka worra gadootaa akkuma garee isaaniitiin deebi'ee dhaabe; ciincaa fayyumma'aatii fi ciincaa ciincawu balbala mana woyyu'uu ka hulee itti gad bayaniititti akka ciincaa dhiyeessan, akka isa tajaajilan, akka Rabbiin galatoonfatanii fi akka Rabbiin kabajjaniif worra gadootaatii fi worra Leewwotaa dhaabsise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hisqiyaasiin mootichi Hayyootaa fi Lewwoota kutaa kutaa isaaniitiin, akkuma hujii hujii isaaniititti irra deebi'ee ramade; isaan kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Galma Waaqaa keessatti waaqonfataa, karra Galma Mootii Waan Maraa duratti faaru'uun leellifataa galatteessan.