2 Chronicles 31:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Yudatifi ka Israeli ch'ufti, ka dira Yuda keesa jiru, qooda loonitifi ka ree Waaqaa baase ammalle waan heddu olkayani AABBO Waaqa isaaniti baasani d'ufaniini wolti tuulani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin biyya Israa'eliitii fi biyya Yihuuda'aa ka qachoota Yihuuda'aa keessa jiraatan sangootaa fi hoolota keessaa waan woyyoome Rabbii Waaqa ufiitiif kurneessoo kennan; kennaa biraallee ka woyyoome fidanii tuulan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii worri qachaa Yihuda'aa keessa le'u marti, loon, hoole'ee fi re'ee ifii keessaa kudhan keessaa tokko fidane; akkasuma waan Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif woyyoonsane irraa kudhan keessaa tokko fidanee tuulane.