2 Chronicles 32:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi bara hayyu Hezekiani garaa tokooni AABBO Waaqa hojate kaani, Senakeribuni, hayyuuni Ashuru, lafa Yuda had'e. Inni dira jabeesani, jaarani ch'ufa marse, askarti isatini, naabo isaa ch'ach'absa had'a jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Hisqiyaas haga Rabbii amanamumma'aan hojjateen maayessa mootichi biyya Asoorii Sanaakireem qachaa biyya Yihuuda'aa keessa seenee akka mooyatu beekee qachoota dallawa itti ijaaran marse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hisqiyaas waan kana mara addatamumma'aan hujee fixeen duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib Yihuda'atti duulee, injifatee ka ifii godhatiisa hedee qachoota dalleya dhaka'aa qabanu marse.