2 Chronicles 32:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma soba Hezekiani tae isaniini balleesu kana ee injed'ina. Isa ind'ugeefatina! Waaqi gosa d'ibi taka worra ufi harka hayyu Ashuru jalaa imbaamne. Tanaafi Waaqi keesani kuninileeni dandae isani imbaasu!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma Hisqiyaas akkanatti isin sobee isin hin dhamaasin; isin isa hin amaninaa'a; waaqoleen tolfamaan worra moototaatii fi ka ormaa maruu banii ufii harka kiyyaa fi harka abboota kiyyaa irraa ka oolchuu danda'e hin jiru; eeganaa waandhi keessan tolfamaan harka kiyya irraa attamitti isin oolchuu danda'a?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, amma, akka kanaan Hisqiyaas isin hin sobin yookiin isin hin dokonkorsin; Waaqi gosa biyya adda addaa yookiin ka mootummaa kamiille kolbaa ifii harka kiyya jalaa yookiin harka abbootii tiyyaa jalaa baasuu ka dande'e waan hin jirreef, isa hin addatina'a! Waaqi keessanille akkasuma harka kiyya jalaa isin baasuu hin dande'u› jedha» jedhane.