2 Chronicles 32:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tatabeeni hayyichi t'aafe taani AABBO Waaqa Israeli aka hama gurra balleesite waan jette, Waaqi gochiti d'ibiini yaamatuleeni, taka gosa isa harka kiyya keesaa imbaamne, Waaqi Hezekialeeni akasuma dandae worra ufi harka kiyya keesaa imbaasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma xalayaa «Rabbii Waaqa Israa'elii arrabsu'uuf, isa irrattillee waan hamaa dubbachu'uuf waandhi tolfamaan worra ormaa banii ufii na jalaa baasuu akka hin dandeenne waandhi mooticha Hisqiyaasiillee banii ufii ana jalaa baasuu hin danda'u» jedhu isaanii barreesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichille akkasuma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii arrassiisaan, «Waaqoti gosa biyya adda addaa ka dhibiin kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu akkuma hin dandeenne, Waaqi Hisqiyaasille kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu hin dande'u» jedhee xalayaa barreesse.