2 Chronicles 32:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Irreeni isaa ta namaati, ammo teenna ta AABBO Waaqa keennati, ka nu qarqaare nyaapa keenna nuraa d'owu. Biyyiti dubbi hayyu tana d'ageete jennaani garaa jabaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hunni isa woliin jiru hunna fooniiti; ka nu woliin jiru garuu Rabbii Waaqa keenna ka nuu loluu fi ka nu gargaaru» jedhee isaan jajjabeesse; baniin maruu dubbii mooticha Hisqiyaasii biyya Yihuuda'aatiin jajjabaatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isa woliin loltoota namaatitti jira; nu woliin ammoo nu qarqaariisaa fi nu'uuf loliisaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti jira» jedhe. Kolbaalle dubbii mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dubbatteen jajjabaatte.