2 Chronicles 33:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni Manaseeni naabo ala ta dira Daudi moga ilaboru haga qara kaani ira iti dare old'eerese jaare, inni gama mirga haguma bale d'aatu maddo Gihoniti iti keeyate fullo Qurt'umi ira qabe moga dira ta Ofeli jed'aniti d'aabe jaare. Inni ammalle jara gugurda askarti, dira Yuda ka jabeesani jaarani ch'ufa keesa, toko toko kaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Minaaseen qachaa Daawitii dudda duubaan dhooqa Giyoonii ka gara dhiya adu'uutiin haga seensa balbala qurxummi'iititti dallawa ijaaree ijaarsa san haga Oofeelii irra naannessee ol fageessee ijaare; qachoota biyya Yihuuda'aa ta ijaaramte maraa keessa bulchoota duultotaa kaaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaan duuba Minaaseen dalleya dhaka'aa ka qachaa Daawitii ka gara alaa dhooqa madda Giihonii ka gara aduun baatuutii kaasee haga seensuma «Karra qurxummi'ii» jedhantuu, kooba Ofeeliititti marsee dalleya dhaka'aa hojjaa itti dabalee ijaare; qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara qondaaltota loltootaa keessa keye.