2 Chronicles 33:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan Manaseeni tolche ch'ufa, kad'acha inni Waaqa isaa kad'ateefi dubbi raagooti maqa AABBO Waaqa Israelitini isaani dubbatele ch'ufa, kitaaba Odu Hayyoota Israeli keesati t'aafaniti t'aafani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti Minaaseen hojjate, kadhaan inni Waaqa ufii kadhate, dubbiin raattotaa ka maqaa Rabbiitiin isatti dubbatame kitaaba seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni dhibiin ta Minaaseen huje, daadimati inni Waaqa ifii daadimatee fi ergaan raagoti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin dubbatane kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.