2 Chronicles 33:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kad'acha isaatiifi aka Waaqi kad'acha suni d'agayeefi ch'ubbu inni ato qara iraa indeebiini tolcheefi — waan hamtu inni tahe, ka inni fulla waaqa d'ara iti kad'atani jaare, akheekha Ashera mid'aase Waaqa d'ara ka inni kad'atele — waan kana ch'ufa kitaaba odu raagoota keesati t'aafaniti t'aafani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma faateen isaa, Rabbi kadhaa isaa akka dhagayeef, uduu Rabbiif gad uf hin deebifne hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa, fakiin inni hojjate, huleen mukkiin jala taa'anii waaqeffatan ka inni dhaabe kitaaba seenaa raattotaa keessatti barreeffameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Minaaseen mootichi daadimatee deebiin Waaqi daadimata isaatiif kenne, adoo cubbuu irraa hin deebi'in dura cubbuun inni hujee fi ka hin addatanne te'uun isaa marti, addee waaqonfanna'aa irratti utubaa waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi fakkiin waaqota dharaa ta inni dhaabe marti, kitaaba raagota Israa'elii irratti barreeffanteerti.