2 Chronicles 33:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma abba isaa Manase, innileeni AABBO Waaqa durati ch'ubbu tolche waaqa d'ara ka abbaani isaa kad'atele kad'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen Rabbiin afo'otti waan hamaa godhe innillee waan hamaa hojjate; fakii waaqa tolfama'aa ka abbaan isaa Minaaseen hojjateef ciincaa ciincessee isaan waaqeffate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma abbaa ifii Minaase'ee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate innille waaqonfate.