2 Chronicles 33:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ilmaani isaa ta d'iira bale Henomu keesati gube sorio baase, ammalle nama wohimufi ka murma baafatufi worra ayyaanatifi falfatule d'ugeefate gula deeme. Inni ch'ubbu guddo hamtu tolche, akasiini AABBO Waaqa dallansiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoollee uufii ta dhiiraa dhooqa Heenoomii keessatti ciincesse; inni nama moruu fi ka moora laalu ta'ee nama asma'aa fi worra hafuura worra du'anii waamu gorsa gaafata'aa ture; cubbuu akkanaa guddaa kanniin Rabbiin afo'otti hojjatee Rabbiin aarse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni dhooqa ilma Hiinomii keessatti ilmaan ifii kennansa gubamu godhee dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu morsiifatee, Mootii Waan Maraa duratti cubbuu guddittii hujee aarii isaa kakkaase.