2 Chronicles 33:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle akheekha mid'aase, Mana Waaqa keesa kaye. Mani suni ka duri Waaqi waan isaa dubbate waan Daudifi Solomonini jed'e, Yerusalemu keesa, Mana kana keesati, fulla anini lafa gosa Israeli kud'ani lamaani taani keesaa fohad'e, iti na kad'ad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Minaaseen mana Rabbii ka Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin «Mana Yerusaalemiin keessatti dhaabe ka banii Israa'elii maraa keessaa filadhe keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa itti waamama;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni fakkii waaqa dharaa ka qiriixee huje san fuudhee, Galma Waaqaa ka Waaqi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem lafa gosa Israa'elii mara keessaa addee filadhe tana keessatti, haga bara baraa maqaa kiyya keessa hin keya;