2 Chronicles 34:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jecha hayyu gula Hilkiafi jari kaani yae, niiti Hulda jed'ani, ta raaga, ta dira Yerusalemu moga hareeti galtu, d'aqe wogaafate. (D'iirsi isii Shalumuni, ilma Tikua, ka akhakhu Harhasi, ka woya Mana Waaqa qorqoratu.) Worri waan tahe kana ch'ufa iti hime
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kelqiyaasii fi worri mootichi ajaje akkuma mootichi ajajetti gara namittii Hildaanaa jedhamtu ta raaga raaddu gara qachattii haarawa Yerusaalemiin keessa jirtuu bira dhaqanii waan ergamaniif san isii gaafatan; abbaan manaa raattittii tanaa ka Seeleem jedhamu ilmi Tiiquwa'aa ilma ilma Hasira'aati; inni worra uffata mana woyyuu keessatti uffatan bulcha; worri ergaman waan ergamaniif raattitti'itti himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hilqiiya'aa fi namooti mootichi isa woliin erge sun gara raagittii, «Huldaa» jedhantuu dhaqanee isi'itti himane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Toqihatii, ka akaakoo Hasiraa, ka woyaa mootichaa eegu ti; isiin qachaa Yerusaalemii kutaa lammeesso'oo keessa leetiiyyu.