2 Chronicles 34:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna saddeeteeso ka hayyuma Yosia, ka inni gaafasile ijoolluma qabu, inni Waaqa ababo isaa Daudi kad'ate arti asi gula deeme. Ganna kud'ani lameeso ka hayyuma isaa, inni fulla waaqa d'ara iti kad'atanifi akheekha waaqa Ashera jed'anitifi akheekha waaqa d'ara d'ibile ch'ufa lafa keesaa balleesiti iti kaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyoosiyaas mooyee woggaa saddeetesso'ootitti uduu daa'imumma'aan jiru Waaqa Daawitii abbaa ufii Waaqeffatuu jalqabe; woggaa kudha lammeesso'ootitti biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin keessa hulee itti sagadan ka gaarran irraa, mukkiin jala taa'anii waaqeffatan ka waaqa tolfamaa Asheera'aatii fi fakii waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan maraa balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yosiyaas mootii te'ee woggaa saddeetesso'ootitti, adoo ijoollichaatuu Waaqa Daawitii ka abbaa abbootii ifii ta durii barbaadatiisa jalqabe. Woggaa kudhanii lammeesso'ootitti Yihuda'aa fi Yerusaalem qulqulleessiisaaf addee waaqonfanna'aa, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, waaqota dharaa ka dhibiille balleessiisa jalqabe.