2 Chronicles 34:33 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yosiani akheekha waaqa d'ara, ka lafa worra Israeli ch'ufa keesa jiru, balleese haga inni jiru gochiti isaa taka kara AABBO, Waaqa ababoota isaani, iraa ingorre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyoosiyaas biyya ijoollee Israa'elii maraa keessaa waan hamaa balleessee worra banii biyya Israa'elii keessa jiraatan maraa Rabbii Waaqa ufii akka waaqeffatan godhe; bara bulchiinsa isaa baniin maruu Rabbii Waaqa abboota ufii waaqeffatuu hin dhiifne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yosiyaasille waaqota dharaa diqachiisaa mara biyya Israa'elii mara keessaa balleessee, namooti Israa'el keessatti dhaggamanu marti Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka Waaqonfatanu godhe. Haga inni lubbu'uun jiru isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii tajaajiliisa irraa duubatti hin deebine.