2 Chronicles 34:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jecha isaa gula, jari isaa waan Baali sorio irati baasani ch'ach'abse, waan hit'aana irati aarsani, ka d'aatu jirale ch'ufa, balleesani akheekha Asheratifi ka waaqa d'ara d'ibile ch'ufa balleesani, bulla isaa awaala worra Waaqa suni sorio baaseti firfirsani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee ciinca'aa ka waaqa tolfamaa Ba'aalii isa afo'oo diigan; fakii waaqa tolfama'aa ka adu'uu ka hulee ciinca'aa irra jiru mukkiin jala taa'anii waaqeffatan, fakii sibiila bassanii hojjatan caccabsee butuchee awwaala namoota tanaan dura isaanii ciincessa'aa turan sanniin irratti facaase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajaja isaatiin addee waaqota dharaa Ba'aaliif ciincaa itti dhikeessanu butuchanee, addee ciinca'aa ta hixaanaa ta achi bira jirtulle jissane. Isaan fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi ta waaqota dharaa ka dhibi'iille lafatti gad jissanee, bulleessanee, bukuu san awwaala worra waaqota dharaa saniif ciincaa dhikeessanee irratti bittinneessane.