2 Chronicles 34:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa Israeli ch'ufa keesa inni waan sorio irati baasanifi akheekha waaqa Ashera jed'ani ch'ach'abse, akheekha ch'ufa bulleese, waan hit'aana irati aarsanile gargari ch'ach'abse balleese. Duuba kae Yerusalemuti deebie.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee ciinca'aa diigee fakii waaqa tolfama'aatii fi mukkiin jala taa'anii waaqeffatan caccabsee fakii waaqa tolfama'aa ka adu'uu biyya Israa'elii keessaa balleessee gara Yerusaalemii deebi'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
addee ciinca'aatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu diige; inni fakkii waaqota dharaa bulleessee, addee ciincaa hixaanaa ta biyya Israa'elii keessa jirtu mara butuchee, achiin duuba gara Yerusaalemii deebi'e.