2 Chronicles 34:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Beese worri Lawi ka balbala eegu Mana Waaqa keesati guure, harka qaallicha gudda Hilkia jed'aniti kennani. (Beeseeni sunini beese worra Efraimutifi ka Manasetifi worra Israeli d'ibifi worra Yudatifi, ka Benjaminitifi ka Yerusalemule iraa guurani.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee gara gadicha guddaa Kelqiyaasii dhufan; biyya Israa'elii, ka Minaase'eetii fi worra Efreemii keessaa akkasuma worra Israa'elii ka hafe, worri Leewwotaa ka balbala eegan, biyya Yihuuda'aatii fi biyya Biiniyaamii maraa keessaa, worri Yerusaalemiin keessa jiraatanillee birrii ijaarsa mana woyyu'uutiif isaanitti kennan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqanee, beesee Galma Waaqaatiif worri Lewwootaa ka karra eeganu kolbaa Minaase'ee irraa, kolbaa Efreemiitii fi kolbaa Israa'elii worra baraaree hafane mara irraa, kolbaa Yihuda'aa mara irraa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Yerusaalem keessa leetu mara irraa guurane itti kennane.