2 Chronicles 35:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sirbituni gosa Lawi, ta balbala Asafu, fulla Daudini duri, Ejaanja jed'e taani enjaanjitu tana: Asafufi Hemanifi Yeduthuni ka raaga hayyu. Worri balbala Mana Waaqa eegu arti inchochoone, wonti akanatiifi worra Lawi kaaniti jila Pasaka worraa kurfeese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faarfattoonni ijoolleen Aaroonii akkuma ajaja Daawitii, akkuma Asaafii, akkuma Emaaniitii fi akkuma Eedootaamii mootichaa raaguutitti hule hulee qabatan; worri balbala mana woyyu'uu eeganillee balbala mana woyyu'uu eega'aa turan; isaan waan worri Leewwotaa waan maraa isaanii qopheessaniif hujii ufii irraa hin fagaatan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Faarsitooti sanyiin Asaafii akkuma Daawiti, Asaafi, Hemaanii fi Yedutuun raagichi mootichaa isaan ajajanetti addee ifii dhaabbatane; firri isaanii Lewwooti waan isaaniif barbaachisu waan isaaniif qopheessaneef, eeddoti karraa ta karra tokko tokko bira jiranu addee addee ifii hin lakkinne.