2 Chronicles 35:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojatuni isa gaari keesaa isa fuute, gaari d'ibi keesa keete, Yerusalemuti geesite. Inni achi due awaala hayyoota keesati awaalani, jennaani worri Yudatifi ka Yerusalemu ch'ufti aka male isaa bohe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri isa woliin jiranillee gaarii fardaa san irraa buusanii gaarii isaa ka fardaa ka lammeesso'oo irra isa kaayanii gara Yerusaalemii isa fidan; inni du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii maruu mootii Iyyoosiyaasiif booyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre tajaajiltooti isaa sun garreettaa fardaan harkifamu ka isaa irraa isa buusanee, garreettaa isaa ka fardaan harkifamu ka dhibii keessa keyanee gara Yerusaalemii isa geessane. Inni achumatti du'ee addee awwaala abbootii ifii ta duriititti awwaalame. Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii marti Yosiyaasiif bowane.