2 Chronicles 35:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni worra Lawi, ka worra Israeli barsiisu, ka eebisani AABBO Waaqa hojatuni waan jed'e. Sanduqa Wold'aqisa qulqullo, mana hayyu Solomonini, ilmi Daudi jaare, keesa kaya. Isani deebitani Sanduqa kanani deemu himmalle, ammo AABBO Waaqa keesanifi gumi isaa ta Israeliti hojachu maltani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Leewwotaa ka Rabbiif uf woyyoomsanii banii Israa'elii maraa barsiisaniin «Saanduuqa waadaa Rabbii woyyuu mana woyyuu Rabbii ka Solomoon ilmi Daawitii mootiin Israa'elii ijaare keessa kaayaa'a; armaan maayessa ba'aa isinitti hin ta'u; isin ammallee Rabbii Waaqa keessanii fi banii Israa'elii maraa tajaajilaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lewwoota worra Israa'eloota mara barsiisanuu fi worra Mootii Waan Maraatiif woyyoomeen, «Saanduqa Gondooro'oo woyyittii ta Mootii Waan Maraa, Galma Mootii Waan Maraa ka ilmi Daawitii, mootiin Israa'elii Solomoon ijaare keessa keya'a malee, gurmuu teessan irratti hin ba'atina'a! Ammalle Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi kolbaa isaa Israa'el tajaajila'a!