2 Chronicles 36:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo gumiini sunini ergattu Waaqa goyeesite, dubbi isaa tufate, raagoota isaleti tabate, duuba eege AABBO Waaqi gumi suniti dallane, namu dallansu suni jalaa bahu dad'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan garuu haga lolli Rabbii banii irratti dhufutti akka fayyummaa sirima argachuu hin dandeennetti raattota Rabbiititti kolfa'aa dubbii isaaniillee salphisa'aa isaanitti balda'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ammoo haga mufiin Mootii Waan Maraa ta jalaa bayanee hin dandeenne kolbaa isaatitti dhuttetti, ergantoota Mootii Waan Maraa irratti murganee, jecha isaalle tuffatanee raagota isaa salphisane.