2 Chronicles 36:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi AABBO Waaqi hayyu Babiloni had'iisa worraati erge. Hayyuuni suni, Mana Waaqa keesaleti, kaima Yuda heddu, hobaase. Inni nama tokole, diqaafi gudda, d'iirafi nad'eeni, jaarsafi jaarti tokole naasu d'abeefi bahu d'owe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Rabbi mootii Baabiloonii isaanitti fide; inni ka'imtoota isaanii mana woyyuu keessatti fixe; Rabbi mooticha Nabukadanatsooriif dabarsee waan isaan kenneef inni jaarsa, ka'ima, dhiiraa fi intala eennuunillee uduu addaan hin baafne uduu isaanii garaa hin laafne maraa fixe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootii Baabilonii isaan irratti kakkaasee, inni dargaggoota dhiira isaanii addee woyyittii keessatti shallaaga'aan ijjeese; ijoollee dhiiraatii fi ta durraa, jaarsa dulloome yookiin gergeshe maraafille gadhaa hin laanne. Mootiin Waan Maraa isaan mara harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne.