2 Chronicles 36:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti hayyuuni Ajemi ka Koreshi jed'ani jed'u tana: AABBO, Waaqi gubba, yayu gudda lafa ch'ufa naa tolche, ammalle waan naani jed'e, Lafa Yuda keesa, dira Yerusalemuti, Mana naa jaari. Duuba amma isani gumiini isaa ch'ufti achi yaa, AABBOONI Waaqi keesani isani woliini jiraatinna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qiroos mootiin biyya Faaresii, «Rabbi Waandhi sami'ii mootota biyya lafaa maraa naa kenneera; Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa keessa jirtu keessatti akka mana isaa ijaaru na ajajeera; Rabbi banii isin keessa jiru maraa woliin haa jiraatu; kanaafuu worri nama Rabbii taatan maruu gara Yerusaalemii dhaqaa'a» jedhee labsii labsisiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
mootiin Faaresii Qiiros, «Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, mootummaa biyya lafaa mara naaf kennee, Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaruuf na ajajeera; kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; innille gara Yerusaalemii dhaquu ti» jedhe.