2 Chronicles 36:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganni Yehoiakimu diddami shani gaafa inni hayyu Yuda tahe, ammalle inni Yerusalemu keesa ganna kud'ani toko lafa mohate, AABBO Waaqa isaa, durati ch'ubbu tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyoo'aaqeem hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shanii ture; Yerusaalemiin keessatti woggaa kudha tokko bulche; innillee Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan hamaa hojjate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yehoyaaqiim yennaa Yihudaa irratti mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii tokko bulche. Inni Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje.