2 Chronicles 5:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sanduqa Wold'aqisa suni keesa d'akha hahafalicha lamaani Musani gaara Sinaiti keesa kaye, gaafa AABBO Waaqi worra Israeli lafa Misiriti baase, wold'aqisa woliini tolfate male wonti d'ibiini keesa injirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saanduuqa waadaa Rabbii kana keessa gabatee lamaan waadaa Rabbii irratti barreessan lamaan Muuseen keessa kaayee ka hennaa Rabbi banii Israa'elii biyya Misiriitii baasu banii Israa'elii woliin waadaa gale keessa kaaye malee womaa uf keessaa hin qabu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate, Mootiin Waan Maraa isaan woliin Gondooroo yennaa godhe, gaara Siina'aa irratti, dhakaa baxxicha lamaan ajaji kudhan irra jiru, ka Muuseen achi keessa keye malee, wonni dhibiin Saanduqa Gondooro'oo san keessa hin jirtu.