2 Chronicles 5:12 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Leewwotaa ka faarfatan Asaaf, Eemaan, Edootaamii fi ijoolleen isaanii, obboleewwan isaaniillee uffata mishaa gad diratan uffatanii meeshaa shaka shaka jedhu, meeshaa ittiin faarfatan ka sagalee guddaa kennuu fi maasinqoo dhaya'aa gara baya biiftu'uutiin hulee ciinca'aa bira dhaabatan; namoonni gadaa ta'an dhibbaa fi diddamnillee xurumbaa afuufa'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lewwooti faarfattooti marti, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun, ilmaan isaaniitii fi dhiirti fira isaanii achi jiraniiyyu; isaan woyaa dansaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatanee, addee ciinca'aa irraa karaa aduun baatu dhaabbatanee, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, maseenqo'oo fi kiraaraan faarfatane. Hayyooti dhibbaa fi diddam isaan cinaa dhaabbatanee tultullaa afuufane.