2 Chronicles 5:13 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa worri gadootaa mana woyyuu keessaa bayan worri faarfattootaatii fi worri xurumbaa afuufan wol gayanii Rabbiin jaja'aa galatoonfata'aa; «Rabbi arjaa waan ta'eef; dhiifamsi isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a» Jedha'aa laagaa ufii ol qabatanii afaanuma tokkoon xurumbaa, meeshaa shaka shaka jedhuu fi meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa dhageessisuun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Hennaa kana duumessi mana Rabbii keessa ol guute; Ulfinni Rabbii mana Rabbii keessa waan ol guuteef worri gadootaa dhaabatanii Rabbiin tajaajiluu hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri tultullaa afuufuu fi faarfattooti qoonqoo ifii wolqixxeessanee woliin faarfatanu Mootii Waan Maraa leellifatane; isaan tultulla'aan, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, meya gara garaatiin, qoonqoo guddoolle'een, «Inni dansa'a; jaalalli isaalle haga bara baraa hin jiraata» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatane. Achiin duuba duumensi Galma Mootii Waan Maraa guute.