2 Chronicles 6:13 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
(Solomonini qara fulla ira ejani gumiti haasani sibiila diimani mid'aase, ballinna d'aatu Mana Waaqa kaye. Woni suni d'eerinni isii d'und'uma shani, ballinnileeni d'und'uma shani, old'eerinni d'und'uma sadi. Inni woni suni kore. Fulla nami ch'ufti dandae isa argu jilbifate, harka ufi olqabate.)
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta dheerinni isi'ii ciqilee shanii, badhinni isi'ii ciqilee sadii, hojjaan isi'iille ciqilee sadii sageettuu irraa hujisiisee, odduu badhinna dalleya keessaa ka gara alaa keessa keye. Achiin duuba waan san irra dhaabbatee, wolde'a Israa'elii mara duratti jilbiiffatee, harka ifii gara ol-gubba'aa badhisee,