2 Chronicles 7:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli aka ibidi gubbaa gadi buefi guddinna AABBO Waaqa ka bibiliqe Mana guute arginaani, ballinna ch'icha Mana Waaqati gadi jejed'ani, Waaqa kad'atani, galata deebisanifi waan jed'ani, AABBO Waaqi dansa, jaalalti isaaleeni haga jiru jireenna jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Israa'elii maruu hennaa ibiddi bu'u, ulfinni Rabbiillee akka mana keessa guute arganii kallachaan lafatti gad kufanii «Rabbi arja'a; jaalalli isaallee baraa haga bara baraati!» jedha'aa sagadan; Rabbiinillee hin ulfeeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii marti ibiddi gad bu'aaruun, ulfinna Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa guutuun yennaa dhaggite, dhakaa afame irratti jilbiiffatanee, fuulaan gad gombifamanee Mootii Waan Maraa waaqonfataa, «Inni dansa'a; jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee isa leellisane.