2 Chronicles 7:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaaloleeni fulluma isii mid'aasani ejaanjite, worri Lawileeni fuula worrati deefate, miha sirba ka, Daudini worraa kenne d'ae AABBO Waaqa faarse, jaalalti isaa haga jiru jireenna jirti jed'ani sirbani, akuma Daudini worrati hime kaani. Qaaloleeni magalata d'oofte, ka biyyiti oli ejaanjitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri gadootaa akka seera isaaniitiin, worri Leewwotaallee faaruu Daawitii ka araarri isaa baraa haga bara baraati jedhu faarfata'aa meeshaa faaru'uu ka mootichi Daawiti Rabbiin ittiin galatoonfachu'uuf hojjate qabatanii dhaabataniiran; worri gadootaa isaan afo'otti xurumbaa afuufa'aa turan; hennaa san baniin Israa'elii maruu dhaabataniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyooti addee isaaniif kennante dhaabbatane; Lewwootille meya ittiin faarsanu, ka Daawiti dur Mootii Waan Maraa akka ittiin leellifatanuuf hujisiise, ka ittiin, «Jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee faarsanu san qabatanee dhaabbatane; hayyooti fuullee Lewwootaatitti dhaabbatanee tultullaa yennaa afuufanu, Israa'elooti achi jiranu martinuu dhaabbatane.